NU DHIISAA
05. 01. 12
NU DHIISAA
Nu dhiisaa, nu dhiisaa
Cancala keessantoo
Isa barabaatoo
Dhiddhiigsee nu jiisaa!
Nu dhiisaa, nu dhiisaa
Akka bosonuu nun gaadinaa
Akka foonii nun waadinaa
Nutis namaa nu dhukkubaa
Ibidda gabrummaatoo nu gubaa!
Namummaan:
Halluu nafaatiin hin shallagamuu
Sabaa fi amantiin hin laalamuu
Aadaa fi afaaniin
Hiyyummaa fi soorummaan
Beekaa fi walaalummaan
Dabeessa fi jagnummaan
Dooqnaa fi arjummaan
Hisatummaa fi dhibaawummaan
Bareedinaa fi fokkisummaan
Dheerinaa fi gabaabinaan
Dhiiraa fi dubartummaan
Lakkii hin madaalamuu
Ija jibbaatiin hin laalamuu
Hundumaa Waaqatoo uumee
Garagarummaan jifaaree shuumee!
Nu dhiisaa, lakkii nu dhiisaa
Nu dhiisaa, waawuu nu dhiisaa
Jennee daballee daddaballee
Biyya keenyaaf du’uullee abballee!
Daddaballee iyyaan himannaa
Addunyaa maratti dhaammannaa
Gaaraa dakaayyi
Alaa manaayyi
Jiraa-du’aa waammannaa
Akka moonus ni abdannaa!
Nu dhiisaa
Nu dhiisaa
Dirra keenya hin dhaaninaa
Majaa alaas nutti hin waaminaa
Waltahuun lafaa-lafee teenya hin nyaatinaa
Biyyee-biyya keenyas summiin hin waadinaa!
Nu dhiisaa
Nu dhiisaa
Akka malaa nun miciriqsinaa
Akka madaa nun dhiigsinaa
Nutis akkuma keessan namumaa
Kennaa Waaqaa kan uumaa!
Lakkii nu dhiisaa
Lakkii nu dhiisaa
Luka keenya hin takaalinaa
Laggeen keenya summiin hin faalinaa
Kokkee keenya hin hudhinaa
Dhala keenya hin hidhinaa
Afaan keenya hin ukkaamsinaa
Lakkii, guca bilisummaa hin dhaamsinaa!
Ilaa beekaa
Ibsaan bilisummaa homaa hin dhaamuu
Ilaa beekaa
Kan sammuu qabu cubbuu ofittin waamuu!
Aayyoo dhaantanii cubbuu ofittin waaminaa
Oromoon kanniisaa caalaa ofittin kaasinaa!
Innoo kanniisa kannoo bowwaa Carcarii
Innoo giccillaa gichoo goodaa Shaggarii
Innoo jagna jagnoo dirree Booranaatii
Innoo goota gooticha sulula Gujiitii
Kan Iluu-Jimmaa fi kan Arsii-Wallootii
Innoo qeerransa qeerroo baddaa Baaletii
Innoo leenca leencoo humma Salaaletii
Innoo kanniisa kannoo bowwaa Wallaggaatii
Innoo akka nama hundaa kennaa Waaqatii!
Uumaa Waaqaa madeessuun fafaa
Kennaa Waaqaa balleessuun gafaa
Sanyummaatti amanuun
Doofummaan nama gaaduun
Kan nama qaanessuu
Kan nama laayyessuu
Nu dhiisaa abaarsa Waaqaa jalaa baatuu
Eekaa dheekkamsa-SAA jalaas yaatuu!
Nu dhiisaa
Nu dhiisaa
Lafti, lafee teenyaa hin qircatinaa
Biyyi, biyyee teenya hin gurguratinaa
Yeeyyiiwwan akka keessanii
Majaalee akka abbootii keessanii
Baargamaa nutti hin waaminaa
Waltayuun dirra keenya hin dhaaninaa!
Nu dhiisaa
Nu dhiisaa
Jenneetoo barkurnee kudhan iyyannaa
Ayyaantuu fi ayyaana addunyaattis dhaammanaa
Waaqa gurraacha keenyas guyyuu kadhannaa!
Lakkii, nu dhiisaa
Lakkii, nu dhiisaa
Jennee daballee daddaballee
Bilisummaa dharaanee abballee
Lakkii, cancala nurraa furaa
Isatoo nafa keenya mummurraa!
Dhaamsa keenya erga diddanii
Caalayyuu balaa erga fiddanii
Nuti tokkoomnee tokkummaan olkaana
Hidhannees manaa gad-babbana
“Intifaadaa, intifaadaa” jechaa tarkaanfanna
Bilisoomnee WALABUMMAA keenya gonfanna!
Barliin – 05. 10. 10
************** // **************
1 Comment »
Write Your Comment Below.
RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.
Use the "Report Comment" link under each comment to report an inappropriate comment.
Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Firaa said,
January 6, 2012 @ 11:55 pm
Galata guddaa qandu, hojii dansaa fi boonsaa ta’e dha!
(Report this comment as inappropriate.)