Lakkii!
Zalaalam Abarra irraa*
Lakkii!
Afaan koo dureessa, afaan koo bareedaa
Ittiinan bookkisaa, ittiinan baroodaa
Eyyee … ittiinan xirqana akka korma didaa
Waawuu;… ittiinan garmaama, akka sangaa fardaa
Utubaa aadaa koo dugugguruu dugdaa
Afaan Haadha koo tii aayya afaan hundaa!
Afaan Abbaa koo tii abbayya afaan hundaa!
Afaan warra kootii, afaan saba guddaa!
Lakkii,… nan dhaadadhaa, waawuu, nan gammadaa
Maafaan taa’ee gomm’aa? … maafan taa’ee gaddaa?
Mee afaan koon faarsa, mee afaan koon saada.
Afaan warra arbaa, afaan warra leencaa, afaan goodaa Baqqoo
Afaan warra barii, afaan iyya ’Bboroo, afaan iyya ’ndaanqoo
Afaan koo afaan barii, afaan koo ganamaa
Afaan koo mi’aawaa afaan nadhii dammaa!
Afaan bultee Waaqaa, bultee isa jalqabaa
Afaan akka kan koo eenyu abbaasheetu qabaa?
Afaan koo gaachana
Ittiin dhukubsadheen ittiin of waldhaana
Ittiinan bashannana
Ittinan fakkana
Ittinan xirqana
Yoon fedhe ittiinan caraana!
Dirree fi tulluu labee
Maaltu nama dhibee?
Afaan koo bakara
Ittiinan geerara
Ittiinan daraara
Ittinan wal hora.
Ittinan wal bulcha.
Ittinan mucaa dhalacha
Dalcheen ittiin guddisa
Guddiseen muldhisa.
Ittinan arama, ittiinan sassaaba
Ittiinan jaalladha, ittinan nama jibba
Ittinan dadhaba
Ittiinan gaggaba
Ittiin of kuffiseen ittiin of ol qaba
Eeny kan na dhorku an nama walabaa.
Ittinan nama lola
Ittinan walii-gala
Ittiinan waa mala
Ittiinan of dhaala.
Ittiinan Waaqa kadha
Ittinan abdadha
Ittiinan argdha.
Sibilan ittiin tuma, gogaan ittiin duuga
Bullukkoo ittiin dhayeen namatti aguuga
Ittiin quruphiseen, ittinan burraaqa
Ittinan waraaba, ittinan gadi naqa
Ittiinan socho’a, ittiinan warraaqa
Ittiin lafa qoteen, ittiinan babbaqa.
Qilleensan konkona, qilleensan gaadi’a
Gubbaa mana Waaqaa asi ol ittiin ba’aa
Bakka fedhen deema
Galaanan dhidhima
Icciti boroo Waaq bareetan baannadha
Gadameessa Haadha Margoo ittiin dhageefadha
Ittiin ciraa cireen, ittiin bajjii qota
Ittiin buddeen nyaadhee, ittiin marqaa dhota
Ittiinan hojjedha, ittiinan boqota
Kan baden ittiin soqa
Qaalluun ittiin dhaqa
Ittiinan dalaga
Ittianan taa’ee muga
Yoon fedhe… ka’een ittiin fiiga
Qalbiin ittiin hora, yookaan ittiinan wajaga
Aannan unadheetan, bookan ittiin dhuga
Ittinan jeekkara, fedhe ittiinan faga
Jireenya machaayeen ittiin legelega
Fedhe ittiinan qoosa, ittiinan munaaga
Fedhe safuun tolcha, yookaan safuun diiga
Eeyyee baga, baga, baga…. eeyyee baga
Eenyuu kan na dhorkuu, anaafisoo mirgaa!
Ittiin tulluu yaabeen ittiin laga lixa
Albuuda adamseen warqee ittiin lommoxa
Ittiinan sussuka, ittiinan haxiixa
Ittiinan shimila, ittiina shibaaxa
Kaakkiseen ittiin kolfa, ittiinan miriixa
Afaanichi kan koo, maaltu nama qiinxaa?
Afaan koo dureessa
Ittiinan dubbisa,
Ittinann weeddisa
Ittiinan barreessa
Ittiinan nagaa buussa
Yookan lolan ittiin finiinsa
Gootan ittiin faarsa
Lugnan jajjabeessa.
Ittiin waa madaala
Ittiinan calala
Ittinan of kuula
Ittiinan fooggala
Dhibeen ittiin daldala
Ittiinan nama lola
Ittiin marraagomeen, fedhe ittiin kabala.
Ittiin falaasomeen fedhe ittin walala
Afaan kootiin jibbeen, afaan koon jaalladha
Afaan kootiin faarseen, afaan koon tuffadha
Gadda koo ittiin gaddeen, sirba koo sirbadha.
Bultee koo ganamaa, isaanan muuxadha
Ooltee koo isa guyyaa kunoo isan cuuphadha
Dhiyaana galgalaas, eyyee isan unadha.
Afaan koo afaan beekaa
Nan beeka! Nan beeka!
Icciti ergaa Waaq ittinan ofiif hiika
Ittinan mammaaka
Ittinan abaara, ittinan wal kaka
Eeyyee … yoon fedhe … ittiinan alaaka
Kan kana na dhorku hudduusaatti muka!
* Zalaalam Abarra
30-12-2011
Helsinki / Finland
5 Comments »
Write Your Comment Below.
RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.
Use the "Report Comment" link under each comment to report an inappropriate comment.
Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa Visitor said,
January 7, 2012 @ 5:41 am
Haalaan namatti tola obbo Zalaalam, hedduu galatoomi.
Osoo CD ti qopheessitee yeroo dubbifamu haalaan hundaaf gala. Afaan Oromoo
guddisuu fi yeroo hundaa tattaaffii gootuun bakka guddaa qabda, jabaadhu!
(Report this comment as inappropriate.)
Balaambal said,
January 7, 2012 @ 8:24 am
Guddaa galatoomi, obbo Zalaalam! Hojiin kee heedduu barattoota Oromiyaa barsiisa, bashannansiisaa dhaamsa dabarsa ture.
Kan nuu kennees/kennus, nurraa fudhatus jiraachuu hin danda’u ykn hinqabu.
“Eeyyee … yoon fedhe … ittiinan alaaka
Kan kana na dhorku hudduusaatti muka!”. Kun hin haftu, abadan!
(Report this comment as inappropriate.)
Gamos Gonda said,
January 9, 2012 @ 3:38 pm
Baayyee galatoomi zalalam, akka dammaa miyaa’a. Anis ituu sagaleen waraabde warri sirriitti dubbisu hin dandeenye bu’an erraa argatu silaa.
(Report this comment as inappropriate.)
jaarraa said,
January 10, 2012 @ 11:39 am
booree qabduuf gumaacha ati gootee namoota ani ajaa’ibsiifadhuu keessaa ati isa angafaati. nuuf jiraadhuu dhiiroo
(Report this comment as inappropriate.)
Mohamed Bulga said,
February 4, 2012 @ 9:05 am
Ka jette kana mara jechuuf mirgas, dirqamas qabda. Feetu ittiin Alaaki, Harqi, Rom’i, Alalaasi! Ittiin gaddis, gaddisiisis, gammadis, gammachiisis, waan jettee fi hambifatteefis galanni kee MIRREE dha. Ka si qeequu halchutti ammoo, Boordaa Booree si calaa jenneen. Ofuma dura duudhadhu
(Report this comment as inappropriate.)