Gadaa.com
Gadaa.com



Gadaa.com ⇒ Activism & Advocacy Comments

Kabajaa guyyaa WBOf Ibsa Ejjennoo – Magaala Munshin – Germany

Nuti miseenssootin TBOM (Tokkummaa Baratootaa Oromo München ) fi Oromootin naannoo München jiranuu ; Guyyaa Ayyaana WBO seena qabsoo bilissummaa Oromoo keessati kabajaa fi idoo-olaanaa qabu Ammajjii Tokkoo kabajame olee.

Guyyaa ha’ara Amajjii 8, 2012 Guyyaa WBO seena qabeesa kabajannee jirra.

Guyya kanas sababba gochuudhaan , gootoota Oromo kan qabsoo bilisummaa irratti yeroo adda addaa kutannoo guddaan wareegama qaqqaalii kaffalan maraa dinqifannaa fi kabajaan yaadachaa :-

1. Waa’e Ammajjii tokkoo(Guyyaa WBO)

2. Haala Oromoo fi Oromia:

3. Rakkoo qabsoo Bilisummaa Oromo muudate fi

4. Tarkaanfi oromoon biyyaa amba ykn diaspora fudhatamuu qabu irratti marii godhanerra.

Yeero amma Qabsoon Bilisummaa Oromoo sadarkaan ini irraa gahe jiru heeddu yaadeessaa fi sukaneesa ta’ee argama.Kanaafu sababbaan guddaan yaada tokkoon tasgabbiin mooraa Qabssoo Bilisummaa Oromoo keessatti tartiibaan akeeka seera dhabichaan gara fuula duraati tarkaanffachuu hanqachuu fi araarri mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessati busuu dadhabuu fi Hogganootiin dhaaba bakka hedduutti wal-qoodanii qabsoo ummata Oromoo laanshessuu irraa dhaabbatanii Oromummaaf jecha waan darbe waliif dhisanii, obsa wal-godhachuun fuuldura ilaalu hanqachuudha jeenne amanna.

Akkasummas,haala qabsoo bilisummaa Oromoo akeekaa fi tarsimoo isaa irraa otuu hin jallatiin akkaataa tooftaa adda addaan qabsiicha gara fuula duraatti tarkanffachiisu irratti hojjechuu dhabuun rakkoolee mudatan keessaa tokkoo jenna. Kunis, haala qabsoo bilisummaa oromoo, haala Addunya, haala Godina Gaanfa Afrika, haala Impaayera Itophiyaa fi haala yeroo ammaa kana wal cinaa ilaaluun akkaataa qabsooni itti furga’ee hojjii irra oolu yeroo yeroon xiinxala gochuun qabsiicha jajjabessuun Caayya ABO hubachiisuu hanqachuun laafinaa fi jeequmsa guddaa akka ta’ee amanna.

Duran dursine WBOn bagaa guyyaa Waranna Bilisummaa Oromoo (WBO) Ammajjii 1 dhaan nagaan isin gahe jeechaa, barii kun bara qabsoon fininnsinee injifannoo goonffannu haa ta’u jenna.

kanatti aansuuniis ibsa ejjenno kana gada jiru dabarsiineera.

1. Araara gidduu Qabsaawwoota qabsoo bilisummaa Oromo Keessatti buussani waliin hojeechuu dadhabuun galma keenyaa dheeressuu irra darbe jeequmsaa hin barbachifnee moora qabsoo bilisummaa oromoo keessatti uumeera.Kanaafu jarmooliin Oromoo kan walabaa ta’an rakkoo xixxiiqoo giddu jaraa jiru dhiphiisanii akka waliin hojjechuu yaalanu gaafachaa, dhimma kana irratii akka Hawwaasii Oromo waldaan amantii, waldaan Dubbartootaa fi akkasumas dargagoota walumaa galama Ummatti Oromo akka Jaarmooli kana irrati dhiibaa godhaan ni gaafananna.

2. Kabajaa fi jaalala WBOf qabnnu irraa deebinee ibsaa, dirqama nu irra eegamu mara gochuuf waadaa keenya irra deebinee mirkaneesina.

3. Kanaan dura Shira diinaa fi gantoota WBO irrati godhamee balaaleeffacha yoomuu yoo ta’ee WBO bakka jiruu hundatti kabajaa qabnuuf irraa deebinee mirkaneesina.

4. Hawwaasoni Oromoo, Sabbootan Oromoo akkasumas ilmaan Oromoo bakka jiran hundattii hacuuccaa fi gabrummaa jala bahuun walgalteef tokkummaa yoo qabatine QBO irratti hirmaane qofa ta’u hubatne qabsoo geggeffamuu keessatti bifa hunndaan akka hirmaanu waammicha dabarsina.

5. Land grabing ykn ummata keenya lafaa fi qe’ee isaanii irraa akka hin taanetti mootumman TPLF/EPDRF buqisuun alagaatti gurgurataa jiru ilaalchise ilmaan Oromoo martuu akka dura dhaabbatanii fi balaalleffatan gaafachaa ,QBO gurmuu tokkottin jabeesuun fincilaa gochuun murteessaa ta’uu hubachifna.

6. Dhimma baqqatootaa Oromoo ilaalichisee haalii baqatootii Oromoo bakka jiran maaratti keessa jiran hedduu kan nama suukessuu fi yaaddessu ta’ee argama jira Haala kana fi furmataa argachuu dandeenyu yoo mooraa QBO sirnaan bakka takkatti deebifinee gurmuu tokkoon qabssoofnee diina ummata keenya cuunqursa jiru ofi irraa kaasu dandeenye qofa ta’uu amana.

7. Hawwassa Oromoo biyya ambaa jiran fi Oromoon biyya keessaa haala adda addaan qabssoo gochaa jiraachuun kun rakkina oromoof furmataa akka hinta’ene hubatani akka yaada tokkoon ofi ijaarani ummata keenya biraa dhaabbannu hubachiifna.

8. Oromummaa, sabbonummaa fi eenyummaa Oromoo bakka jirruu fi hawwaasa keessa jiraanu keessatti yeroo maraa jabeeffachu akka qabnu gaafana. Afaan keenya Afaan Oromoo ; aadaa fi seenaa keenya akka itti boonnee ,daa’imman keenya biyya amabaa kanatti dhalatan ykn guddatan barsiifanu gochuun dirqama oromummaa keessa tokkoo ta’uu yaadachuu qabina jenna.

9. Yeroo amma kana Oromoon kumaatama hedduun lakkawwamanii bakka hedduutti mana hidhaa mootummaa TPLF/EPDRF keessatti gararramaa jiraachuun heddu nama gaddisisa Kanaafu, bakka jirru maraatti akka ijaarsa jaarmoolee dhalaa mirga namatiif falmaniif iyyaa dabarsitan isin gaafatina,

10. Qabsawwotin fi saboonotin Oromo Mootummaa Abba irree wayyaanee kana saaxiluun moormi gara garaa agarsisuun akka yeroo dhaa yerootti rakkina ummata keenyaa birra dhabanu irra deebine isin hubachifina.

Tokkummaan humna !!

WBOn kalachaa Oromoott !i!
Injiffannoo Ummata Oromoof !!

Ammajji 8.bara 2012

Munshin-Germany

Gadaa.com


Gadaa.com

Write Your Comment Below.


RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

Use the "Report Comment" link under each comment to report an inappropriate comment.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.