Dhugaa Lammii Cilee Dibde!
Wal ilaallee, farda fe'annee
Abdii lammii taane jennee
Wal abdaannee manaa baane
Waliin kaayyoo mari'annee.
Tooftaa fi adeemsa, heera fi seera
Barreeffannee galii duraa
Wal quunnamuuf ijaarree keettoo
Utuu hin dhabni waliif naatoo
Baraa fi Kurnee keessa tarre
Siqiqii hedduu agarree.
Takka kufaa, takka ka'aa
Uddeellannee qaanii fi baa'aa
Karaa fagoo, daandii qalloo
Irra demnee baannee yeelloo.
Haadhoo awwaallee, abbaa dhabnee
Haadha fi mucaa bakkeetti ganne
Farda keenya gulufsiifnee
Bakka kaaneef utuu hin geenye
Wal goyomsuu, wal kijibuu
Dhugaa lammii cilee dibuu
Farda keenya irraa buunee
Akka yuyyee lafa kunne.
Hidda Pheexiroos gantuu lammii
Dhamdhamnii hin ilaalanii
Garaaf jettee garaa laaftee
Dantaaf jettee maqaa gatte
Waan argattee soroobbattee
Warra gumaan kooluu galtee!
Aarii eenyummaa, qaanii firaa
Garaa lafaan si abaaraa
Kan akka kee firaan badee
Haa guddatu iraan-gadee!
Bahru Bayisa: bbayisa@yahoo.com
3 Comments »
Write Your Comment Below.
RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.
Use the "Report Comment" link under each comment to report an inappropriate comment.
Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Annonymous said,
January 15, 2012 @ 8:09 am
Obbo Baahiruu,
Walaloo bareedduu otoo nama bohaarsituu dhugaa fi seenaa sirriin tarreessitu. Maaloo itti fufi.
Galatoomi.
(Report this comment as inappropriate.)
Looshanii said,
January 15, 2012 @ 8:32 am
Kan akka isaa kaayyoo cabse
Haa gugguufu hudduu qoobsee !
(Report this comment as inappropriate.)
Roorroo said,
January 15, 2012 @ 3:12 pm
B/sa Bahiru ergaa baaye’ee namatti tolu dabarsitani.Galatoomaa!
(Report this comment as inappropriate.)