Gadaa.com
Gadaa.com



Gadaa.com ⇒ Activism & Advocacy Comments (1)

Gabaasa Ayyaana Amaji fi Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo, 2012 Konyaa Adelaide, South Australia

Ayyaana Amaji fi guyyaa waraana bilisummaa Oromoo, Amajjii 01, Sambata , gaafa 07/01/2012 sirna hoo’aan bakka miseensoti fi deeggartooti ABO fi hawaasti Oromoo Austiraaliyaa kibbaa argamanitti sirna hoo’aan kabajamee oole.

Ayyaanni kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddoon eegalame; maanguddoonnis akka sabni Oromoo tokkoomu, akka walta’uufi waldhagahu eebba isaanii keessatti ibsaniiru. Achiin, faaruun Alaabaa Oromiyaa faarfamuun sagantaan Ayyaana Goototaaa jalqabame.

Ayyaanicharratti uummatni sadarkaa gara garaa irratti deeggartotni fi miseensootni irraatti argamuun ayyaana seena qabeessa kan yaadatanii oolaniiru.

Uumatni Oromoo Ayyaana Waraana Bilisummaa Oromo jedhee maaliif akka kabajamu karaa jaarmayaaatin erga ibsameef booda uummanni bal’aa, deeggartootni fi miseensoootni Waraana Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoon hoogganamu jabeessuuf gumaata gumaachaniiru.

Dabalata Uummatni naannaa kanaa, kan dabre irraa barree tokkummaa akka jabeeffatu dhaammateerra.

Akkasumaa haala yeroo ammaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoon murni kaleessa diina kessaa dhufe sagantaa politikaa ABO jijjiirree jedhee labserratti, uummatn, deeggartootni fi misensootni naannoo kanaa sagantaan politikaa ABO lafee fi dhiiga goottoowwan qaqqaaliin utubame, murna diina keessaa dhufeen jijjiiramuu hin dande’u, jechuun mormii isaanii ibsataniiru.

- ABOn hanga miega hiree murteeffannaa Ummata Oromoo bakkaan gahutti waliin jirraa!!!

- WBOn gaachana Ummata Oromooti waan qabnuun bira dhaabbanna!!!

- Tokkummaan teenya isa durii caalaa ni jabeeffanna!!!

- Warra diinaaf ergamuuf qophaa’e:- HUJII KEESSAN KANARRAA HATATTAMAAN AKKA DEEBITANII jedhee akeekkachiisneerru.

Walumaa galatti hawaastis gama isaaniitiin miidhaa ummataa Oromoo irra gahaa jiru kana fii gochaa gareen diinaan ergamtee hojjachaa jirtu balaaleffatan yoo ta’u, gama hundaan walijaaranii akka miidhaa san buqqisuu irratti hojjatan waliif dhaamanii jiru.

K.K. Adelade, Australia


Gadaa.com

1 Comment »

  1. Birkii said,

    January 21, 2012 @ 1:05 am

    Maqaa WBO tiin daldalchuu yoo dhiistan irra wayya WBO warra nyaaphhaf saaxile warra waraanni akka mooraa itti galee wayyanne akka marfamu godhee sababa kanaan warnni oromoo otoo magaalaa keessa hinbahin qaxxaamuraan akka wayyaneen akka rukutamuu kan taasise warra shanee ofiin jedhu akka WBO ficcissiisee mattaa wayyaanee irra fudhte akk kana qindayse akka tahe beekamaahda,gra biraatiin waraan Somaaliyaa keessa jiru qunnmtti wayyaane wajjiin godhuun warri waraanni aka rukutamu kan taasisee eeny akka tahe ummatni nibeeka,kan malees waraanni maayyii irra itti Kenya keessa itti bilisummaa oromootiif kan ka’e san lootee galtuu lucho Barkaafaa Miseensa biraa fakkaysuun waraanni akka naannawaafi gandaan gosaan walqooddee waayyaane itti akka harka kannatu kan taasise murna shanee gumii ofiin jedhu akka tahe wanni nihubachiisu Dwud faan yeroo san waraanni kun kan namootni qabenya ummata irra itti guurrchuuf namootni qophayfatan jedhee yeroo san hndubbanne?har’a waraana waayynee itti gurgurachaa yoo qomaa keessan waltajjii gubbaa dhawattan this is just irrational,emotinal and spontaneous action,kan a namotni godhna warra gaafa cehumsaa qabeenya ummataa saamee Awroppfi Amerikaa itti ammas Ayustraliyaa waarra saamee gale warra akkanuma itt ummata afanffajaysuu akka tahan beekkmaadha.

Write Your Comment Below.


RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

Use the "Report Comment" link under each comment to report an inappropriate comment.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.