Abdii Boruu: Dhalootni Qubee bu’aa QBO ti malee kan polotikaan gosaa dhalchee miti

Comments off

Tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa fi murteessaa dha

Abdii Boruutiin* Barreeffamoota (barruulee) yeroo adda addaa dhiyeessaa ture keessatti harka caalaa waayee tokkummaa ilmaan Oromoo barreessaa akkan ture ni yaadatama. Yeroo sanatti dhimma tokkummaa cimsee akkan kaasu kan na taasise sababni inni hangafti jaarmayootni Oromoo gara gara hiramanii; qabsaa’otni keenyas akkasuma gara gara faffac’anii humni mooraa keenyaa waan laaafefi. Keessumaayuu ammoo jaarmayaan jaalatamaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bakkee saditti hiramuu isaatu sababa guddaa ta’e. Yeroo waayee tokkummaa qabsaa’otoa, gurmuulee fi jaarmayoota Oromoo barreessu sana tokkummaan ilmaan Oromoo akka uummataatti baay’ee na hin yaaddessine ture. Xiyyeeffannaan kiyyas irra caalaan jaarmayoota siyaasaa keenyatti ture jechuu dha. Har’a garuu haala amma keessa jirru, ...

Comments off

Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne yoomiyyuu caalaa ifa ta’uu qaba | FDG: Oromoon yoo har’a waliif hin mirmanne (dirmanne) yoom waliif mirmata (dirmata) laata?

Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne yoomiyyuu caalaa ifa ta’uu qaba Abdii Boruutiin* Impaayara Itoophiyaa tana keessatti, sochiilee godhamaa turani fi jiran yoo ilaalle, hamma Oromoon saboota biroo wajjin dhaabbatee adda-durummaadhaan wareegama guddaa kaffale, dhimma saba keenyaarratti garuu saboonni biroo dafanii nuuf mirmatanii nu wajjin dhaabbachuun isaanii hin mul’atu. Kan fagoo hafee, isuma dhiyoo kanaa yoo yaadanne, bara 2005 yeroo deeggartootni jaarmayaa CUD hiriira nagaa bayanii Finfinnee keessatti Wayyaaneedhaan ajjeefaman, saboota biroo keessaa kan dafee isaaniif mirmate fi sagalee dhageessise Oromoo ture. Har’a garuu yeroo ijoolleen teenya kuun reebaman, kuun mana hidhaatti guuraman, kuun ammoo ajjeefaman, saboota biroo keessaa sagaleen ...

Comments off

Siidaa Aanoolee fi Siidaa Minilik

Abdii Boruutiin* Biyya tokko keessatti, siidaan yaadannoof dhaabbatu ykn ijaaramu tokko kan uummatootni biyya sanaa ija takkaan ilaalani fi fedhii irraa qaban akkasumas kan waan waloo tokko calaqqisu ta’uu qaba. Siidaan akkanaa kun ammoo siidaa biyyoolessaa ti yoo jedhame waan dhara ta’u natty hin fakkaatu. Waayee siidaa Aanolee fi kan Minilik yoon ilaalu, gaafiilee tokko tokkotu sammuu kiyya keessatti uumamu. Siidaaleen wal faallessan lamaan kun biyya takka keessa dhaabbachuun isaanii, biyyi tun akka takka hin taane agarsiisa. Biyyi tun takka miti yoo jedhame ammoo, gaafii: “Aanooleetu biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa hin jirre moo Finfinneetu qaama Oromiyaatii miti?” kan jedhu kaasa. ...

Comments (2)

Barreeffama Obboo Juneddii Saaddoorratti dhiyaate

Abdii Boruutiin* Waayee Juneddii Saaddoo ilaalchisee, gaafiin dhiyoo kana akka mata duretti ka’e “Ob. Juneddii Saaddoo eenyu?” kan jedhu gara gaafii biraatti ce’ee “Obboo Abdii Boruu eenyu?” kan jedhutti waan deemu fakkaata. Namni tokko yoo ofjaju waan irraa hin miidhagneef, Abdii Boruu nama akkanaa ti jedhee of beeksisuun gaarii waan hin taaneef, eenyummaa koo warri qaamaan na beekani fi nama akkamii akkan ta’e warri sirriitti hubatan ragaa bahuu danda’u. Amanamus amanamuu baatus, fudhatamus fudhatamuu dhiisus, waan tokko garuu ifa godhuun barbaada. Ani waayeen uummata Oromoo yoo ka’u, boqonnaa fi hirriiba akka na dhoowwu (na dhoorku) nama otuu hin taane Waaqayyo/Rabbi tu ...

Comments (10)

Obboo Juneeddii Saaddoo gara uummata isaatti deebi’uuf fedhii fi carraa qabaa?

Abdii Boruutiin* Dhiyoo kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?” jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture. Yaadolee namootni dhimma kanarratti barreessanis ta’e kan bakkee adda addaatti dubbatamanis argee fi dhagyee jira. Yaadolee waliin mormantu wal bukkee waan deemaa jiran nattt fakkaata. Kanaaf, anis yaadan dhimma kanarratti qabu ibsuuf jedhee barreeffama gabaabaa kana dhiyeessuu barbaade. Duraan dursee, dhimma kanarratti hunduu waan isaanitti mula’tu ibsuu fi yaada fi ilaalcha qabanis dhiyeessuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, ani dhimma kana karaa lamaanan ilaala. Yeroo ammaa dhiyaachuun isaatis gaarummaas ta’ee badummaas qaba jedheen yaada. Akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu, waan ...

Comments (16)

“Oromia Media Network – OMN” Seenaa saba Oromoo keessatti boqonnaa haaraa dha

“Oromia Media Network - OMN” Seenaa saba Oromoo keessatti boqonnaa haaraa dha Abdii Boruutiin* Duraan dursee, projektii guddaa akkanaa kana dhugoomsuuf Sabboontotni Oromoo kan asii fi achi dhama’aa turtan fi jirtan; kan beekumsa, dandeettii fi qabeenya keessaniin meediyaa kanarratti hojjechaa turtani fi jirtan; akkasumas uummatni Oromoo kan projektii kana yaadaa fi qabeenyaan gargaaraa jirtan, meediyaan kun milkiidhaan xumuramee as bahuu isaatiif baga gammaddan baga gammadne jechuun barbaada. Gammachuu kiyya ibsuu qofaa otuu hin taane, dhaamsi ani carraa kanaan uummata keenyaaf dabarsuu barbaadu: dhalachuu meediyaa kanaatti gammaduu qofaan bu’aa hin fidu. Meediyaa walaba ta’ee, uummata keenya tajaajiluuf deemu kana karaa danda’amu hundaan bira ...

Comments off

Jaarmayootni siyaasaa Oromoo sochii “Oromo First” jedhutti fayyadamuu danda’uu?

Abdii Boruutiin* Akkuma beekamu, bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) argamsiise keessaa inni tokko fi guddaan Oromummaa badiirraa dandamachiisee cimsuu fi Sabboonummaa Oromoo guddisuu dha. Gabaabumatti ibsuuf, Sabboonummaan Oromoo Oromummaadhaan bilchaachuu dha. Oromummaan guddachuu fi dagaaguun isaa ammoo deebisee qabsoo kana cimsee galii hawwamutti geessa. Kanaaf, Oromummaa fi QBOn harka lamaan qaama tokkoo ti jechuun ni danda’ama. Dhibdeeleen mooraa QBO keessatti uumamani fi sababa kanaan heddoomuun jaarmayoota keenyaa, keessumaayuu ABOrraa fottoqanii gareelee adda addaa ijaaruun, hawaasota Oromoo keessattillee walqoqqooduu fi walitti gaarrefachuun akka uumaman taasise. Kun dhugaa lafarra jiruu dha. Haalli akkanatti uumame kun ammoo tokkummaa Oromoo laaffisee; akka alagaa fi diinni ...

Comments (6)

Oduu durii kana beektuu?

Abdii Boruutiin* Dhiyoo kana mata duree “Oduu Durii Oromoo” jedhuun barreeffama Obboo Beekan Gulummaa Irranaatiin qophaaye tokko dubbiseen ture. Achirraa ka’een anis mee waanan dur beeku ykn dhagaye tokko tokko dubbistootaaf dhiyeessa jedhee barruu gabaabaa kana qopheesse. Duraan dursee, oduu durii kanaan nu booharsuu isaatiif Obboo Beekan galateeffachuun barbaada. Kana qofaa otuu hin taane, wanti biraa kan Obboo Beekan Gulummaa Irranaa galata guddaa ittiin argachuu qabu, kitaabota adda addaa barreessuudhaan; guddina hogbarruu Afaan keenyaa keessatti gahee guddaa taphachuu fi qooda guddaa gumaachuu isaa ti. Kanaafis, anis akka ilma Oromoo tokkootti, carraa kanaan Obboo Beekan baay’ee galatoomi, jabaadhuu akkanumatti ittifufi jechuun barbaada.

Comments (2)

Warra eenyummaa saba tokkoo hin kabajne wajjin biyya waloo takka ijaaruun hin danda’amu

Abdii Boruutiin* Gara qabiyyee barreeffama kiyyaatti otuu hin seenin dura, duula nafxanyoonni yeroo ammaa Oromummaarratti godhaa jiran ilaalchisee, deebii mooraa keenya keessaa kennamaa jiruuf akka waliigalaatti; keessumaayuu ammoo Sabboonaan keenya Dargaggoo Abdii Fiixee dandeettii isaa addaa kanaan deebii inni kennaa jiru http://gadaa.com/GadaaTube/8620/2013/08/12/we-dont-expect-a-dove-from-a-snakes-egg-authorjournalist-abdi-fite-responds-back-to-prof-feqadu-lemessa-bewketu-seyoum-et-al/ baayi’see galatteffachuun barbaada. Asirratti gootummaa Dhaloota Qubee yoon dinqisiifadhu, waan Sabboonaan keenya Obboo Jawaar godhaa jiru hin daganne. Gaafii fi deebii inni EthioTube wajjin dhiyoo kana godhes http://gadaa.com/GadaaTube/8609/2013/08/07/ethiotube-presents-obbo-jawar-mohammed   yoomiyyuu caalaa kutannoo dhaloota haaraa agarsiisa. Akka waliigalaatti yoo ilaalame, haalli yeroo ammaa kun waan adda addaa akka hubatan nama taasisa. Inni tokko Oromoon Oromummaadhaan bilchaatani fi Sabboonummaan isaanii cimaa ta’e, ...

Comments (1)

Duulli Sabboontota Oromoorratti godhamu, QBO dhaabuu hin danda’u

Abdii Boruutiin* Erga TV Aljaziraa irratti Sabboontota Oromoo sadi (Dr. Fidoo Eebbaa, Obboo Jawaar Mohaammad fi Obboo Mohaammad Adamoo) waliin waayee saba Oromoorratti mariin godhame fi keessumayuu Sabboonaan Oromoo Obboo Jawaar Mohaammad gaafii isaaf dhiyaatef “Ani dura Oromoo dha...”  jedhee deebii kenne booda, Habashootni gamaa gamanaa wacaa akka jiran hubatamaa jira. Habashootni, dhimma kanarratti maaliif akkanatti maraatanii, hucuu gatuuf akkana ta’u? Jawaar ilma Oromoo akka ta’e duraan otuu hin beekin hafaniitii moo maaliif akkanatti dubbataatu isaan aarse?Sabboontotni Oromoo, nuti dura Oromoo dha akka jedhan har’a itti mul’atee? Moo dhimmi Oromoo yeroo duraatiif sabaa-himaa Addunyaarratti dubbatamuu isaatu garaa isaanii gubee; isa kanaan ...

Comments (1)

Kennaan, dandeettii fi beekumsi Oromoo kan fedhii saba Oromootiif hin taane ykn hin oolle hiikkaan isaa maali?

Abdii Boruutiin* Mata duree kanaan barruu kana akkan dhiyeessu kan na taasise, barreeffama dhiyoo kana Obboo Fayyis Oromiatiin mata duree “Oromo Talents in the Habesha Political Clubs” http://gadaa.com/oduu/20698/2013/07/10/oromo-talents-in-the-habesha-political-clubs/ jedhuun dhiyaate dha. Barruulee Obboo Fayyis dhiyeessu, xinnaatee yoo xinnaate waggoota afran dabran keessatti hordofaan ture, hordofaan jiras. Akka ilaalcha kiyyaatitti, barruuleen Obboo Fayyis tokko tokko qabiyyeen isaanii mormisiisaa haa ta’an malee, kan hafan harki caalaan isaanii kan barumsa namaaf kennanii dha jedheen yaada. Ani Obboo Fayyis fuulaan beekuu baadhus, nama beekumsaa fi dandeettii guddaa qabu akka ta’en hubadha. Kanaafuu akka ilma Oromoo tokkootti kabaja fi ulfina guddaan qabaaf. Dandeettii barreessuu isaallee nan ...

Comments (2)

Oromoon eenyummaa ofii dhiisee waan biraatiif dursa hin kennu

Abdii Boruutiin* Waan yeroo ammaa deemaa jiru yoo hubatne, Oromummaa fi qabsoo bilisummaa Oromoorratti karaalee adda addaatiin duulli godhamaa waan jiru fakkaata. Yoon akkana jedhu, hanga har’aatitti duulli hin godhamne jechuu kiyya otuu hin taane, wanti amma mumul’achaa jiru garuu haala adda ta’een argamaa waan jiru fakkaata jechuu kooti. Karaa tokkoon seenaa hanga har’aatti dhagayamee hin beekne barreessuudhaan; Oromoo fi Amaarri (Habashaan) akka sanyii tokko ta’an nutti himu. Akka waan Habshootni Oromoo hin gabroonfatiniitti ibsu. Asirraa ka’uudhaan bu’aalee fi injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeessellee gaafii keessa galchuudhaan; Qubee dhiisaa; alaabaa Itoophiyaa fudhadhaatii isa jalatti hiriiraa fi kkf barreessuudhaan uummata keenya afaanfaajjessuu ...

Comments (2)

Dhimmi Oromoo kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?

Abdii Boruutiin* Yeroo ammaa, uummatni Oromoo biyya keessattis ta’ee biyya alaa tokko tokko keessatti rakkoolee hamaadhaan xaxamee otuu jiruu; lammiileen Oromoo manoota hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa otuu jiranuu; uummatni keenya qayee issaarraa buqqayee rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa otuu jiruu; bahaa fi kibba bahaa Oromiyaa keessatti Sumaaleen uummata keenyarratti duultee lafa isaarraa ari’aa otuu jirtuu; lafti keenya Wayyaaneedhaan gurguramtee dhumaa otuu jirtuu; naannolee (environment) keenya badiin irra gahaa otuu jiruu;walumaagalatti gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa otuu jirruu; dhimmoota gurguddoo dursa argachuu qaban kana dhiisnee ykn dagannee, waan xixiqqoorratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna keenya balleessuun bu’aan isaa eenyuuf ta’a jennee itti ...

Comments (12)

Shirri Habashootni nurratti xaxan yoomuma nuuf gala laata?

Abdii Boruutiin*

Comments (5)

Xalayaa seenaa dhugaa ibsu moo kan Oromummaa diiguuf qophaaye dha?

Abdii Boruutiin* Mata duree kanaan barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasise, akka tasaa xalayaa Afaan Amaaraatiin barreessame tokko argee dubbisuu kiyya dha. Xalayichi kun kan barreessame nama maqaan isaa Dr. Fiqree Tolasaa Jigsaa (Afaan Amaaraarraa qubeetti jijjiireen barreesse) jedhamuun yoo ta’u, kan itti ergamuuf qophaaye yookaanis itti ergame? ammoo hogganaa jaarmayaa dhiyoo kana dhalatee, Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO) Dr. Bayyaan Asobaa ti. Xalayaa kana akka PDFtti barruu kana wajjin waanan dhiyeessef, warri Afaan Amaaraa dubbisuu danda’an qabiyyee xalayichaa gutuu isaa arguu ni danda’u. Akka naaf galetti, qabiyyee inni guddaan xalayichaa seenaa saba ykn uummata Oromoo haaraa, kan duraan dhagayamee hin ...

Comments (16)

GGO: Sabboonummaan Oromoo maali? Eenyutu Sabboonaa ykn Sabboontuu dha?

Abdii Boruutiin* Yeroo baay’ee yoo dubbatamu ykn barreeffamu, sabboonummaan Oromoo guddachaa akka dhufe agarsiisa. Dhugaa dhas; galanni qabsoo bilisummaa Oromootiif akkasumas gootota keenya kan qabsoo kana keessatti wareegamaniif haa ta’u, Sabboonummaan Oromoo dhugumatti guddachaa dhufee jira. Keessumaayuu erga bara 1991 jijjiiramni hamma kan hin jedhamne argame booda, guddinni Sabboonummaa Oromoo sadarkaa ol aanaarra gahaa akka jiru hubatama. Haa ta’u malee, dhugumatti hiikni sabboonummaa hunda keenyaafuu galee jiraa? Namni tokko ani sabboonaa dha ykn sabboontuu dha yookaanis ammoo abalu sabboonaa/sabboontuu dha yoo jedhu, sabboonummaa maaliin madaaleti akkana jedhaa? Gara Sabboonummaa Oromootti otuu hin cehin dura, jecha sabboonummaa jedhu hiika isaa ilaaluun barbaachisaa ...

Comments (5)

Manni hidhaa tokko yoo diigame malee deebi’anii keessatti hidhamuun hin hafu

Abdii Boruutiin* Dubbiin akka mata dureetti dhiyaate kun hiikni isaa mormisiisaa ta’uu mala. Maaliif yoo jedhame, manni hidhaa amma jiru tokko yoo diigame, kan biraa haaraan ijaaramuus waan danda’uuf, isa haaraa kana keessattis hidhamuun waan ooluu miti; kanaaf kun hiikkaa hin qabu kan jedhutti waan nama geessuufi. Dhugaa dhas; dubbiin akkuma namni ilaalu fi hubatutti hiikamuu danda’a. Kan ijaaramee jiru keessattis ta’ee kan gara fuulduraatti haaraa ijaaramu keessatti warra hidhamuuf garaagarummaa hin qabu. Bareedee ijaaramullee manni hidhaa manuma hidhaati. Haa ta’u malee, wantan dhimma kana kaaseef sababan qaba. Yeroo baay’ee warri bilisummaa sabootaatiif ykn uummatootaatiif qabsoofna jedhan, “Impaayarri Itoophiyaa tun mana ...

Comments (5)

Xalayaa Oromummaa: Qabsaa’ota Oromoo maraaf

Abdii Boruutiin* Duraan dursee, nagaan Obbolummaa, Oromummaa fi Sabboonummaa bakka jirtan maratti isin haa gayu.

Comments (6)

Walhubannoon ABO QC fi ABO Shanee Gumii tokkummaa dhugaatti jijjiiramuu baatnan rakkoo guddaatu uumama

Abdii Boruutiin* Haala mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo bar-kurnee lamaan dabranii of duuba garagallee yoo ilaalle, erga Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bara 1992 mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bayee jalqabee hanga har’aatti mooraan keenya tasgabbii dhabee rakkooleen bifa adda addaatiin ittifufaa jiru. Kun maaliif ta’uu danda’e jennee gaafii yoo kaasne, deebii quubsaa argachuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Maaliif yoo jedhame, haalli mooraa keenya keessatti uumame kan nuti yaadnu caalaa baay’ee walxaxaa waan ta’eefi. Haala uumame kanaaf eenyutu ittigaafatama? Maddi rakkoolee mooraa keenyaa maali? Tokkummaa dhabuutu ykn tokkummaan laafuutu rakkooleen adda addaa akka uumaman taasise kan jennu yoo ta’e, maaliif tokkummaa dhabne ykn ...

Comments (12)

Next Page »