“Mirgaa fi bilisummaa keenya amma argannutti garboonfatoota irratti ni qabsoofna, dadhabnu ilmaan itti guddifanna” Gen. waaqoo Guutu – “dhimmi Oromoo kana booda nafxanyootati bofa udduu lixxe taatee jirti. Harkisan itti cita, dhiisan itti lixa” hoogganaa Meccaa fi Tuulamaa

Camadaa Hundee irraa* Angafootiin hooganoota qabsoo Oromoo raaga isaan raagaa turan amma lubbuun jiraachuu baatanis, jechi isaanii dhugoomee jira. Oromoon alagaa irraa gaaffii tokko illee hin qabu. bilisummaa fi abbaan biyyuummaa kiyya kabajamuu qaba kan jedhu duwwaa ilmaan isaa barsiifate. Sabni mirgaa fi bilisummaa dhabe sossobbaa fi fakkeessii wareertonni dhiyeessanii yeroon inni harka kennate seenaa keessa hin jiru. Abashoonni dhufaa darbaa sababni mooraa masaraa Miniliki keessatti wal lolaniif naannoo isaanii bulchuuf ykn bituuf miti. Qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti duroomuf, aangoo irratti wal lolu. Sirni kaleessaa aangorra tures ta’ee, kan amma aangoorra jiru, yoo toftaan bittaa isaanii garaa garummaa qabaate malee, ...

Comments off

የሚኒልክን አረመኔያዊ ጭፍጨፋ የሚናስተዉሰዉ – የታሪክ እሥራኛ ለመሆን ሳይሆን፣ የዛሬዎቹን የሚኒልክ ሕልመኞችንም ለመቅበር ነዉ

በጨመዳ ሁንዴ* ታሪክ በጥሩም በመጥፎም ጎኑ ይነሳል። ሁለቱም የሚነሱበት ዋና ምክንያት በትናትነዉ ዘመን ወይም ታሪክ ለመኖር ሳይሆን በጎ ድርግቶችን አዘምነን መጥፎ ፍፃሜዎችን ዳግመኛ እንደይከሰቱ (እንደይመለሱ) አዲሱ ትዉልድ እንድማርበት ነዉ። በአጠቃላይ አነጋገር ታሪክ ሲባል በተላያዩ መልኩ ትርጉም ሊሰጠዉ ይችላል። ታሪክ በድርግት ተፈፅሞ ወይም በአፋ ታሪክ ደረጃ ሊኖር ይችላል። ታሪክ እዉነተኛ የህዝቦችና የሀገርቱን ሁኔታ የሚገልፅ ሊሆን ይችላል። የዚህ ተቃረኒ ደግሞ የፈጠራና የመስመሰያ ታሪክ ሊሆን ይችላል። ከዚህ አንፃር የአቢሲንያን (ኢትዮጵያን) ታሪክ ሲንመለከት የተለያዩ ሰዎች በተለያዩ መልኩ ሊመለከቱ ወይም ለያቀርቡ ይችላሉ። እስከሁን ድረስ የአቢሲንያን ታሪክ ሲንመለከት በወሰኝ መልኩ ሃቀኛ የህዝቦች ታሪክና ፍጻሜዎች ከመግለፅ ይልቅ፣ እዉነተኛ ታሪክን በማጠመም የፈጠራና ሃቅን ለመሸፈን የሚሞክሩ የቅብብሎሽ ታሪክ ነዉ። የፈጠራን ታሪክ ...

Comments (4)

Siyaasa jibbiinsaa fi karaa cabeen haa yaasuu irra, ilaa fi ilaameetu nubaasa

Camadaa Hundee irraa* Siyaasa ammayyaa keessatti ilaa fi ilaameen bakka guddaa qaba. ilaa fi ilaameen garaagarummaa siyaasaa jiru bifa bilchinaa fi beekumsa qabuun waliif keessummeessuuf daandii guddinaa ti. Siyaasa ammayyaa keessatti ilaachi amantaa siyaasaa tokko duwwaan jiraachuu hin danda’u. ilaalchi siyaasaa bifa gara garaan ibsamu jiraachuun isaa dirqama ta’a. haala mooraa siyaasa Oromoos yoo ilaalle kanaan ala miti. Ilaalchi siyaasaa yeroo tokko bakka guddaa qabaachaa ture haala naannoo fi guddina siyaasaa keessatti sarara biraa qabaachuu ni mala. Ykn ho’ina qabaachaa ture hirdhisuu ni mala. Kun sochii (dynamism) siyaasaa ti.

Comments (5)

Oromiyaa baldhoo qoqooduuf shira wayyaaneen itti turtee fi jirtu. Nutoo gochaa diinaa kana bifa kamiin hubachaa jirra?

Camadaa Hundee irraa* Wayyaaneetti mataa dhukubbii guddaa kan itti ta’ee jiru keessaa, baayyina ummata Oromoo fi baldhina dachee oromiyaa ti. Wayyabummaan oromiyaa fi ummata Oromoo xiqqeessuuf jecha eega aangoo qabattee kaastee shira dhuma hin qabne oromiyaa keessatti dalagdee jirti. Haata’uuti garuu shirri TPLF kun akka isheen barbaadetti dhugoomufii tasa hin dandeenye. Qorqalbii oromiyaan baldhoodhaa fi ummati Oromoo biyyatti keessa wayyaba jedhu balleessuuf jecha heeraa fi seera ofii tumatte dahoo godhachuudhaan ummta Oromoo irratti daba dhiifama hin qabne irratti hojattee jirti. Shira wayyaaneen hojataa turtee fi ammas itti jirtu amma tokko kaasanii ilaaluun eddu gaarii dha.

Comments off

Hooggannii QBO akka ofii yaadutti kan biraas akka yaadu tolchuu otoo hin taane, kan ofii yaadu namni biraas akka gabbisuu danda’u of amansiisuu qaba

Camadaa Hundee Irraa* Qabsoon yeroo hunda gabbachaa fi danboobaa deemuu qaba. kana gochuuf garuu hooggana jijjiramaa fi hooromsa qabsootti amanu horachuun murteessaa dha. hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, yeroo hunda miseensaa fi hooggana isa jala jiru kan qaru (uumu) akka ofii yaadutti akka yaadan gochuun ta’a. Hoogganni jijjiramaa fi haaromsa qabsootti hin amanne, waanta hunda kan beekuu fi kan murteessu isa malee, qabsa’otiin biraa kaan gahee qaban tahuu isaa yeroo tokkaaf illee hin yaadu. Mooraa qabsoo keessatti namootiin sababaan yaadanii fi of irratti amantaa qaban akka biqilan tasa hin eeyyaman. Kana irraa kan ka’e, yeroo hunda qabsa’ota QBO gabbisuuf ...

Comments (10)

Hokolee Diddu, Okkotee Hin Diddu!

Camadaa Hundee irraa*

Comments (2)

Hadhaa Qabsoon qabdu dhamdhamuu dadhabuudhaan, qabsoo keessaa of moggeessuun amaluma qabsoo ti

Camadaa Hundee irraa* Qabsoo nama eddu taatee wajjin jalqabuu fi waadaa ykn hirbuu tokko wajjin yeroo seentu, hunduu wal bira dhaabata. Garuu qabsoo hirbuu seenteef xumuruuf hunduu akka gaafa wajjin hirbuu seeneetti xumurachuu hin danda’u. sababni isaa edduu dha. Kun ammoo amaluma qabsoo iti. Qabsoo keessatti jaallan dura wajjin hirbuu seente sababa agara garaan karaarratti afu. Isaan keessaa amma tokko kaasuuf: 1. hirbuu seenan sana galmaan gauuf jecha jaallan wajjin hirbuu seenan biraa haarsaan kufanii afu. Jaallan akkanaa kun hirbuu cabsuun ykn dantaa dhuunfaan otoo hin taane gatii qabsoon gaafatu baasanii, imaanaa dhaammatanii, warra darbanii dha. Jaallan akkanaa kun yeroo hunda seenaa ...

Comments (6)

Qaama jabina keenyaan malee, qaama dadhabbina keenyaan tokkoomuu hin qabnu (As principle our unity should be defined by our strength rather than our weakness)

Camadaa Hundee irraa* Tokkummaan siyaasaa yeroo hunda fuunduratti tarkaanfachuuf kan akeekkate ta’uu qaba. Qabsoon bilisdummaaf deemsifamu sochii warraaqsaati. Warraaqsi ammoo yeroo hunda yaada haaraa fi muldhata qabsoo gara fuula duraatti furgaasuun masaka. Qabsoon waarraaqsaa daandii jijjiramaa fi fedhii haarawan sansakama. Warraaqsi adeemsaa fi dadhabbina kaleessa ture irraa baratee, kallattii diina jilbeeffachiisuu fi qabsoo warraaqsaa honnee fi jabina itti horuun gaggeefama.

Comments (4)

Qasboon Bilisummaa Oromoo, Hooggana Tarsimoo fi Jijjirama Fudhatu Barbaada

Camadaa Hundee irraa* Qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo gara yerootti guddachaa fi gabbachaa deemuun dirqama. Siyaasa keessatti yeroo hunda jijiramatu adeema. Dhaaba siyaasaa tokko keessatti jijjiramni tarsiimoo kan dhufu, bifa lamaan ta’a. tokkoffaan haalli waltajjii addunyaa fi naannoo yeroo jijjiramutti, tarsiimoon qabsoo haala jijjirame wajjin kan wal simatu, guddachaa fi sirreefamaa deema. Inni lamataa ammoo, tarsiimoon qabsoo yeroo jalqabaaf wixiname galii isaa qaqabuun, tarsiimoo haaraa maddisiisuun ni danda’a. jijjiramni inni lamataa kun, tarsiimoon duraan lafa ka’ame, galii isaa waan rukuteef, tarsiimoo haarawaa baafachuuf eddu rakkisaa hin ta’u. ta’us garuu bilchinaa fi ga’umsaan xiinxala gahaa gochuu gaafata. Haala jijjirama addunyaa fi naannoo irraa ...

Comments (5)

Qabsoo Ofirratti Amantaa fi Kan Kaleessaa Irraa Barannee, Kan Boruuf Maal Gochuu Qabna Jennee of Gaafachuu!

Camadaa Hundee irraa* Dhaabni siyaasaa tokko tarsimoo fi galii gara garaa qabaachuun waanuma jiru. Dhaabbileen siyaasaa yeroo tokkotti eddumatanii ijaaramuu ni malu. Karaa biraatiin ammoo dhaabni siyaasaa tokko yeroo tokkotti akka malee beekamaa fi fudhatamaa ta’uu danda’a. dhaabni siyaasaa kun dhimmoota irratti of ijaare irraa ka’ee deeggarsa sabaa, addunyaa fi miseensa eddu qabaachuu mala. Dhaabilee siyaasaa jiran keessaa eddu muldhataa fi tarkaanfataa ta’a. Gaaffii fi galiin isaaniis akkuma baayyina isaanii garaa garummaa ni qabaata. Siyaasa keessatti dhaabbileen baayyatanii waanta ijaaramniif jecha hundi isaanii galii lafa kaayyatan hojiirra oolchu jechuu miti. Karaa biraatiin hundi isaanii aangoo siyaasaa yeroo tokkotti qabatanii biyya ykn ...

Comments (4)